Finfinnee, Waxabajjii 1, 2013 (FBC) – Ministir Deettaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen Ministira Ministeera Dhimma Alaa Keeniyaa Ambaasaaddar Riicheel Omaamoo waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Reedwaan dhimmoota filannoo marsaa 6ffaa, Waldhabdee Daangaa Ityoo – Sudaan, marii sadee hidha haaromsaa fi haala waqtaawaa naannoo Tigraay ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.
Waldhabdeen Ityoo – Sudaanii fi mariin sadee hidha haaromsaa karaa nagaan akka furamu Ityoophiyaan murannoo qabaachuu ibsaniiru.
Ambaasaaddar Riiycheel Omaamoo gama isaaniin simannaa hoo’aa taasiifameef galateeffachuun, biyyi isaanii rakkoo Afrikaaf furmaanni Afrikaa akka barbaachisu kan amantu ta’uu ibsaniiru.
Ityoophiyaa fi Keeniyaan hariiroo bara dheeraa qaban cimsuuf walii galtee waliif mallatteessan saffisaan hojiitti hiikuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Waltajjiiwwan waloo koree olaanaa fi ministirootaa biyyoota lamaanii sababa weerara vaayrasii koroonaan adda cite gaggeessuun dhimmoota waloorratti mari’achuun murteessaa ta’uu eeraniiru.
Tajaajillii Keellaa Fooddaa tokkoo Mooyaalee hariiroo daldalaa biyyoota lamaanii caalmaatti guddisuuf shoora olaanaa qabaachuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.