Ambaasaaddar Reedwaan Huseen Ityoophiyaatti hoggantoota hojii dhaabbata Yuuniiliivar waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 2, 2014 (FBC) –Ministir deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen Ityoophiyaatti hoggantoota hojii dhaabbata Yuuniiliivar waliin mari’ataniiru.

Dhaabbanni Yuuniiliivar biyyoota addunyaa hedduu keessatti meeshaalee qulqullinaa fi nyaataa oomishuun beekama.

Waggoottan torbaan darbaniitti dhaabbatichi Ityoophiyaatti hojii eegaluu hoggantoonni kunneen ibsaniiru.

Dhaabbatichi yeroo amma kana lammiilee kuma 7 oliif carraa hojii uumuu fi yeroo itti aanuutti hojii eegale babaldhisuuf karoora akka qabu marichaan kaasaniiru.

Meeshaalee dheedhii biyya keessatti argaman baldhinaan fayyadamuun oomishasaanii gabaa biyya keessaaf qofa osoo hin taanee gabaa alaaf erguuf Afrikaarraa Ityoophiyaa filannoo jalqabaa taasifachuu Afrikaatti Preezdaantiin dhaabbatichaa Jeem Aguuylaar himaniiru.

Ambaasaaddar Reedwaan gama isaaniin, rakkoon nageenyaa, vaayrasii koroonaa fi kanneen biroon yeroof ta’uu ibsuun, dhaabbatichi hojii invastimantii biyyatti keessatti raawwataa jiru cimsee akka irri fufuu himuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

Comments (0)
Add Comment