Finfinnee, Muddee 9, 2014 (FBC) – Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen Itti aanaa Ministira Alaaa Turkii Ambaasaadar Saadaat Oonaat waliin dhimmoota hariiroo waloo fi naannawaarratti mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Reedwaan haala waqtaawaa Kaaba Ityoophiyaa, dhiyeessii deeggarsa namoomaa mirkaneessuuf tattaaffii mootummaan Ityoophiyaa taasiisaa jiruu fi qormaatilee haala waqtaawaan wal qabatee jiru ibsa taasiisaniiru.
Mootummaan marii hunda hammate taasiisuuf Komishinii maree biyyaaleessaa hundeessaa jiraachuu ibsaniiru.
Qaamoleen lameen Invastimantii alaa kallattii fi ijaarsa dandeettirratti tumsaan hojjechuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’achuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.