Ambaasaaddar Reedwaan Huseen Afrikaa Bahaa fi Galaana Diimaatti ergamaa Addaa Ingiliz waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 3, 2014 (FBC) – Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen Afrikaa Bahaa fi Galaana Diimaatti ergamaa Addaa Ingiliz Filiip Faarmaan waliin mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Reedwaan Huseen haala waqtaawaa Ityoophiyaa ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.
Dhimmoota biyya keessaa hundarratti marii hunda galeessa taasiisuun waliigaltee biyyaalessaarra ga’uuf carraa bal’aan jiraachuu eeraniiru.
Mootummaan Federaalaa biyyattiitti nageenya waaraa buusuuf tattaaffii hedduu taasiisaa jiraachuu Ambaasaaddar Reedwaan ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment