Ambaasaaddar Reedwaan ergaa MM Abiy irraa ergame Muummee Ministiraa Paakistaaniif dhiyeessan

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2014 (FBC) – Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ergaa Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad irraa ergame Muummee Ministiraa Paakistaan Imiraan Kaahiiniif dhiyeessaniiru.
Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen daawwannaa hojii Paakistaanitti taasiisaa kan jiran yoo ta’uu Muummee Ministiraa biyyattii Imiraan Kaahiin waliin mari’ataniiru.
Wayita marii isaanii ergaa Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad irraa ergame Muummee Ministiraa Paakistaan Imiraan Kaahiiniif dhiyeessaniiru.
Ambaasaaddar Reedwaan Paakistaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti walga’ii Mana Maree Mirga namoomaarratti deeggarsa Ityoophiyaaf taasiifteef galateeffataniiru.
Michummaa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuun Muummeen Ministiraa Paakistaan Imiraan Kaahiin Ityoophiyaa akka daawwatan Affeerraa Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad taasiisan dhiyeessaniiru.
Muummeen Ministiraa Paakistaan Imiraan Kaahiin michummaa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf affeerraa Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad taasiisaniif galateeffataniiru jedhame.
Ityoophiyaan sagantaa Ashaaraa magariisaan biqiltuuwwan biiliyoona 10 milkiin dhaabuu ishee Muummeen Ministiraa Paakistaan Imiraan Kaahiin dinqisiifannaa qaban ibsaniiru.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad yeroo dhiyootti gara Paakistaan imaluun daawwannaa akka taasiisaniis afeeruu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment