Finfinnee, Waxabajjii 8, 2013 (FBC) – Israa’eelitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Rattaa Alamuu Ambaasaaddara Raashiyaa Anaatoolay Viikrooriiv waliin dhimmoota waqtaawaa Ityoophiyaarratti marii taasisaniiru.
Marii isaaniitin filannoo biyyoolessaa marsaa 6ffaa haqaa qabeessaa, amanamummaa qabu taasisuuf akkasumas karaa nagaan akka xumuramuuf mootummaa qophii gahaa taasisaa jiaachuu ibsaniiru.
Akkasumas diimokiraasiin akka jiraatuu fi fooyya’insi diinagdee hojiirra akka ooluu mootummaan ejjeennoo qabu ibsaniiru.
Ambaasaaddarichi deeggarsii namoomaa naannoo Tigraayitti taasifaama jiru cimee kan itti fufee ta’uu ibsuun, buqqaatoota deebisanii dhabuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
Dabalataanis dhimma hidha haaromsaa guddichaa Ityoophiyaa, rakkoo daangaa Ityoo-Sudaan irratti ibsa taasisaniiru.
Ambaasaaddar Anaatooliiy gama isaaniitin, Ityoophiyaan tokkummaa ishee fi birmadummaa ishee kabajuu akka qabdu ejjeennoo mootummaa biyyiisaanii qabu ibsaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.