Ambaasaaddar Nabiil Itti aanaa Pireezidaantii Sudaan Kibbaa waliin dhimmoota waloorratti mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 25, 2014 (FBC) – Sudaan Kibbaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Nabiil Maahaaddiin Itti aanaa Pireezidaantii biyyattii fi Qindeessaa Kilaasteera Bu’uuraalee misoomaa Taabaan Deengi waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Nabiil tattaaffii mootummaan Ityoophiyaa nagaa fi tasgabbii buusuuf taasiisaa jiru ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.

Hojiirraa oolmaa Waliigaltee nageenyaa Sudaan Kibbaatti muul’ataa jiru dinqisiifataniiru.

Misooma daandiin biyyoota lamaan walitti hidhuuf hojiileen hojjetamaa jiran jajjabeessaa ta’uu kaasuun, Piroojektoonni kunneen akka milkaa’an Ityoophiyaan deeggarsa barbaachisu taasisuu kan itti fuftu ta’uu mirkaneessaniiru.

Itta aanaan Pireezidaantiin Sudaan Kibbaa Taabaan Deengi gama isaaniin, nageenyi Ityoophiyaa mirkanaa’uun naannawichaaf qooda olaanaa qabaachuu eeruun, nageenyi waaraan akka mirkanaa’u tattaaffii mootummaan Ityoophiyaa taasiisaa jiru dinqisiifachuu isaanii Ragaan Sudaan Kibbaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment