Ambaasaaddar Naasiseen Gorsaa Alaa fi Imaammataa Raayyaa Ittisaa Muummee Ministiraa Kaanaadaa Deeviid Moorisaan waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 1, 2013 (FBC)-Kaanaadaatti ambaasaaddarri FDRI Naasisee Caalii Gorsaa Alaa fi Imaammataa Raayyaa Ittisaa Muummee Ministiraa Kaanaadaa Deeviid Moorisaan waliin mari’ataniiru.
Marii viidiyoo konfiraansiin gaggeessaniin ambaasaaddar Naasiseen haala waqtaawaa Ityoophiyaarratti ibsa laataniiru.
Ambaasaaddar Naasiiseen gareen finxaaleyyii ABUT biyyattiitti rakkoon diinagdee fi hawaasummaa akka muudatu taasisuu ibsaniru.
Gareen juuntaa jijjiirrama muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad akka biyyaatti waliigala fidan gufachiisuuf hojjetaa turu himaniiru.
duulli olaantummaa seeraa mirkaneessuu gaggeeffame lammiilee nagaan osoo hin miidhamaniin karaa nagaan xumuramuu ibsaniiru.
Hojiin Naannicha deebisanii dhaabuu hojjetamaa jiraachuus himaniiru.
Bu’uuraalee misoomaa miidhaman ariitiin suphuun gara tajaajilaatti galchuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru.
Garee yakkamtoota adamsuun seeraatti dhiyeessuuf mootummaan xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuus kaasaniiru.
Deeviid Moorisaan gama isaaniitin, ibsa isaaniif taasifameen galateeffachuun, biyyisaanii jijiirramicha akka deeggartu himaniiru.
Ambaasaddar Naasiseen deeggarsa hawaasummaf doolaraa Ameerikaa miiliyoona 3 Kaanadaan waada galteef galateeffataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
Comments (0)
Add Comment