Finfinnee, Bitootessa 15, 2013 (FBC) – Jarmanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Muluu Salamoon Paarlaamaa Jarmanitti miseensota koree Diinagdee fi Tumsa misoomaaf haala waqtaawaarratti ibsa laataniiru.
Duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti gaggeeffame, dhimma Hidha Haaromsaa, Waldhabdee daangaa Ityoo – Sudaanii fi Filannoo Biyyaalessaa marsaa 6ffaarratti miseensota paarlaamaa lakkoofsan 32 ta’aniif ibsa laataniiru.
Ambaasaaddar Muluun naannoo Tigraayitti lammiilee miiliyoona 4.1f deeggarsi namoomaa dhiyaachuu ibsaniiru.
Garee ABUT qulqulleessuun tasgabbii fi nageenya naannichaaf faayidaa olaanaa qabaachuu ibsa taasiisaniiru.
Ijaarsi Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa lammiilee Ityoophiyaa hiyyummaa keessaa baasuuf proojektii murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Waldhabdee daangaa Ityoophiyaa fi Sudaan karaa nagaan fufuuf Ityoophiyaan fedhii qabaachuu kaasaniiru.
Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa haqa qabeessa, diimookiraatawaa fi bilisa ta’e gaggeessuuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Ambaasaaddar Muluun mootummaan Jarmanii fi miseensonni paarlaamaa deeggarsa namoomaa, Weerara dhibee Covid -19, filannoo biyyaalessaa fi hojiilee jijjiirramaa Ityoophiyaaf deeggarsa taasiisan galateeffataniiru.
Hariiroon bara dheeraa biyyoota lamaanii cimee akka itti fufu gaafataniiru.
Jarman biyyoota xiyyeeffaannoo dura itti laatu keessaa Ityoophiyaan ishee tokko ta’uu, dubbii himaan koree Diinagdee fi tumsa misoomaa Paarlaamaa Jarman Voolikmaar Kileeyin dubbachuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimmaa Alaarraa argame ni agarsiisa.
Oduma walfakkaattuun Dhaammata Mootummoota Gamtoomaniitti ergamaan addaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasilaaseen ambaasaaddaroota biyyoota afrikaa teessoo isaanii Niiwuuyork taasiisaniif dhimmoota waqtaawaarratti ibsa taasiisaniiru.
Ambaasaaddar Taayyeen duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti gaggeeffame ilaalchisee ibsa kan taasiisan yoo ta’u, deeggarsa ambaasaaddaroonni kunneen Ityoophiyaaf taasiisan galateeffataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.