Ambaasaaddar Muktaar Kantibaa Magaalaa Baafiloo waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 6, 2016 (FBC) – Afrikaa Kibbaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dooktar Ambaasaaddar Muktaar Kadir Kantibaa Magaalaa Baafiloo Piriinsas Faakuu fi hoggantoota biro waliin mari’ataniiru.

Dhimmoota hariiroo waloo, tumsa ummattoota, haala waaqtawaa Itiyoophiyaa fi lammiilee Itiyoophiyaa magaalicha keessa jiraatan ilaalchisee mari’achuu isaanii ibsameera.

Ambaasaaddar Muktaar hariiroon Ityoophiyaafi Afrikaa Kibba giddu jiru seenaa qabeessaa fi bu’uuraa cimaa obbolummaarratti kan ijaaramee ta’uu ibsaniiru.

Hariiroon gamlamee biyyoota lameenii yeroo gara yerootti cimaa dhufuu eeruun,tumsi damee hundaan jiru gara hariiroo tarsimaawaatti ol guddachuu dubbachuu isaanii ragaan Embaasii Ityoophiyaa Piriitooriyaarra argame ni mul’isa.

Kantiibaan Magaalaa Baafiloo Piriinsas Fakuun gamaa isaaniin, jilli Dooktar Ambasaaddar Muktaariin durfamu magaalichatti argamuun hariiroo seenaa qabeessa biyyoota lameen giddu jiru caalmaatti kan cimsu ta’uu eeraniiru.

Tumsa ummataaf ummataa fi dhimma Ityoophiyaanoota naannaawa sana jiranirratti waloon hojjechuuf fedhii agarsiisaniif galateeffataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment