Finfinnee, Caamsaa 16, 2015 (FBC)- Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan, Ityoophiyaatti Qindeessituu Olaantuu Deeggarsa Namoomaa fi Waamtuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Dooktar Kaatiriin Soozii waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin Ambaasaaddar Misgaanuun Ityoophiyaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Eejensiiwwan addaa dhaabbatichaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.
Dabalataan Ityoophiyaatti haalli rakkisaan wayita mudatee turetti tajaajiloota namoomaa gama waliin ga’uutiin kaka’umsaa argisiisan fi adeemsa ijaarsa nageenyaa biyyattiif deeggarsa taasisaniif Ambaasaaddar Misgaanuun galateeffataniiru.
Dooktra Kaatiriin Soozii gama isaaniin, deeggarsa namoomaa waliin ga’uuf mootummaan Ityoophiyaa walta’iinsa argisiisee fi haala mijataa uume dinqisiifataniiru.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Ityoophiyaan galmootaa misooma waaraa ishee akka milkeessituuf deeggarsa taasisuu kan itti fufu ta’uu ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.