Ambaasaaddar Misgaanuun jila Inistiityuutii Qorannoo nageenyaa idil Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 13, 2016 (FBC) –Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan jila Inistiityuutii Qorannoo nageenyaa idil Addunyaa waliin mari’ataniiru.

Dhaabbilee akka Inistiityuutii Qorannoo Nageenyaa fi Tasgabbii idil Addunyaa waliin tumsaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu Ambaasaaddar Misgaanuun ibsaniiru.

Dhaabbata kana waliin hojjechuun haala nageenyaa Itiyoophiyaa fi Gaanfa Afrikaa hawaasa idil addunyaa hubachiisuuf kan gargaaru ta’uu eeraniiru.

Inistiityuutii Qorannoo Nageenyaa fi Tasgabbii idil Addunyaa dhaabbata Dhimmoota walitti bu’iinsaa, meeshaalee waraanaa, to’annoo meeshaalee waraanaa fi hidhannoo hiikkachuurratti qorannoo bilisa ta’e kan gaggeessu dhaabbata walabaa ta’uu dursaan jilichaa Daan Ismiiz ibsaniiru.

Itiyoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf qophii ta’uu ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment