Ambaasaaddar Misgaanuun Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2016 (FBC)- Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Eerviin Joosee Maasiingaa waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Misgaanuun Ambaasaaddar Eerviin Joosee Maasiingaan erga simatanii booda, Ityoophiyaa fi Ameerikaan waltajjiiwwan damee hedduurratti walta’iinsa taasisan dinqisiifataniiru.

Biyyoonni lameen hariiroo gamlamee qaban cimsuu fi marii qindaa’aa haroomsuun faayidaa qabaatus akkeekaniiru.

Ambaasaaddar Misgaanuun, Itiyoophiyaan Hariiroo Invastimantii Alaa fi Daldala Ameerikaa waliin qabdu guddisuuf fedhii olaanaa qabachuu dubbataniiru.

Ambaasaaddar Maasiingaan gama isaaniin, Ameerikaan hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf fedhii fi murannoo qabaachuu ibsuu ragaan Ministeera Dhimmaa Alaarra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment