Finfinnee, Guraandhala 28, 2016 (FBC)-Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Deenmaarki Ambaasaaddar Kiraa Ismiiz Siindibijeergi waliin mari’ataniiru.
Mariin isaanii dhimmoota damee hedduu fi gamlameeniirraatti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.
Ambaasaaddar Misgaanuun, marichaan Itiyoophiyaa fi deenmaarki hariiroo barootaa dheeraa qabaachuu kaasanii, Itiyoophiyaan dameewwan anniisaa, jijjirama qabeenya qilleensaa fi ijaarsa dandeettirratti walta’iinsaan hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Gama biraatiin, Ministeerri Dhimma Alaa Deenmarki Laarsi Lookee Raasmasan dhiyeenyatti Itiyoophiyaa daawwachuuf akka jiran eerameera.
Daawwannaa isaaniinis dhimmoota walta’iinsaa gamlamee fi damee hedduu haala cimsuun danda’amurratti qondaaltota mootummaa Itiyoophiyaa waliin ni mari’atuun kan eegamu ta’uun eerameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.