Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Ministira Dhimma Alaa Paakistaan waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 2, 2015(FBC)- Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Ministira Ministeera Dhimma Alaa Paakistaan Bilwaal Buutoo Zaadiirii waliin magaalaa Kaaraachiitti mari’atan.

Ityoophiyaan hariiroo hunda galeessa Paakistaan waliin qabdu fooyyessuuf kutannoo qabaachuu Ambaasaaddar Misgaanuun dubbataniiru.

Hariiroon biyyoota lameenii waliigalteewwan tumsaan akka ciman taasiifamaa jiraachuu eeruun, hariiroon gam-lamee eegalame dhimmoota waloo naannawaarrattis kan cimu ta’uu ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Paakistaan Biilwaal Buutoo Zaadiiriin gamasaaniin, hariiroo biyyoota lameenii gara sadarkaa olaanaatti guddisuuf mootummoonni biyyoota lameenii hojiilee jajjabeessoo hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa balallii kallattii gara Kaaraanchiitti eegaluun hariiroon biyyoota lameenii cimaa dhufaa jiraachuusaaf agarsiistuu ta’uu eeraniiru.

Ityoophiyaan waggaa tokko dura Embaasiishee Izlaamaabaaditti banuun hariiroo biyyoota lameenii keessatti boqonnaa haaraa banuu ibsaniiru.

Jilli daldalaa Ityoophiyaa hojiilee dippiloomaasii hojjechaa jiruufi yaa’iiwwan daldalaarratti hirm,aachaa jiru turtiisaa Kaaraanchii xumuruun gara Izlaamaabaaditti imaluu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment