Finfinnee, Eebla 3, 2015 (FBC)- Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Duraa Ta’aa Koomishini Gamtaa Afrikaa Musaa Faakii Mahaammat waliin dhimmoota garaagaraa irratti mari’atan.
Marii isaaniin, sadarkaa waliigaltee nageenyaa irra jiru ilaalchisee Ambaasaaddaar Misgaanuun ibsa kennaniiru.
Ambaasaaddaar Misgaanuun, Hidha Guddicha Haaroomsa Ityoophiyaa ilaalchisee ejjennoo Ityoophiyaa ibsuun, marii sadeen mariisisummaa Gamtaa Afrikaan akka itti fufuuf Ityoophiyaan murannoo cimaa qabachuu eeraniiru.
Adeemsi Ijiptii itti fayyadama bishaan laga Abbaayyaa fi Hidhaa Haaromsaa bifa siyaasaa qabaachisuuf deemaa jirtu, qaama kamiyyuu kan hinfayyadne ta’uu fi sochiin kun dhaabbatee haqa jiru irratti mariin akka itti fufuuf gamtichi dirqama isaa akka bahatuu kan amanan ta’uu Ambaasaaddarichi ibsaniiru.
Gamtaan Afrikaa gabaasa dhabbatummaa hojiilee hojjetaa jiru Ityoophiyaan kan dinqisiifattu ta’uu eeruun kanaafis, deeggarsa barbachisuu kan taasistu ta’uu dubbataniiru.
Dhaabbaticha keessatti fooyyessi riifoormii wayita gaggeeffamu mirgaa fi faayidaa Ityoophiyaanoota dhaabbaticha keessa hojjetanii ilaalcha keessa kan galchu ta’uu akka qabu gaafataniiru.
Musaa Faakii Mahaammaat gama isaaniin, lagni Abbayyaa laga Afrikaa ta’uu isaan ajaandaan isaas kan ardichaa akka ta’uuf gamtichi ni amana jedhaniiru.
Mariin isaas hammattoo Afrikaa jalatti furmaataa akka argatuuf Gamtaan Afrikaa deeggarsa addaan hincinne kan taasisu ta’uu mirkaneessaniiru.
Hojiileen riifoormis mirgaa fi faayidaa hojjetootaa dhaabbaticha keessa hojjetanii kan kabajee akka ta’u mirkaneessuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.