Finfinnee, Amajjii 26, 2014 (FBC) – Keeniyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Mallas Alam Keeniyaatti Daayrektara Olaantuu Waajjira Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Zaaynab Hawaa Baanguuraa waliin mari’achuu ibsan.
Hojiilee misoomaa Ityoophiyaa fi naannawichatti hojjetamaa jiru ilaalchise mari’achuu Ambaasaaddar Mallas ibsaniiru.
Miidhaa gareen shororkeessaa ABUT kaaba Ityoophiyaatti qaqqabsiise fi mootummaan hawaasaa fi dhaabbilee miidhaman debisee ijaaruuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Mootummaan qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’achuun haala fooyyee qabuun deeggarsi namoomaa akka dhiyaatuu fi waliigaltee biyyaalessaarra akka ga’amuuf mariin hunda hirmaachise akka eegaluuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Hawaasni idil addunyaa badii garee shororkeessaa ABUT sagalee tokkoon akka balaaleffatuu fi mootummaa Ityoophiyaa cina akka dhaabbatu gaafataniiru.
Keeniyaatti Daayrektarri Olaantuun Waajjira Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Zaaynab Hawaa Baanguuraan gamasaaniin, Ityoophiyaan misensa Murteessaa DhMG ta’uu fi fuulduratti mootummaa waliin dhiyeenyatti hojjechuu akka barbaadan ibsuu isaanii ragaan Keeniyaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.