Ambaasaaddar Leencoo Baatii Ministir Deettaa Ministira Alaa Saa’uda Arabiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 4, 2013 (FBC) – Saa’ud Arabiyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Leencoo Baatii Ministireera Dhimma Alaa Saa’uda Arabiyaatti Ministir Deettaa Dhimmoota Afrikaa Ahimaad Qaxaan waliin mari’ataniiru.

Hariiroo waloo biyyoota lamaanii, miidhaa lammiilee Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaa jiran irra ga’u hambisuu fi dhimmoota Labsii dhiifamaa haala hojiitti hiikuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Leencoo Baatiin miidhaan lammiilee Ityoophiyaarra ga’u akka dhaabbatu gaafataniiru.

Ministireera Dhimma Alaa Saa’uda Arabiyaatti Ministir Deettaan Dhimmoota Afrikaa Ahimaad Qaxaan gama isaaniin qaama dhimmi ilaallatu waliin mari’achuun hidhaan lammiileerra ga’u akka dhaabbatu kan hojjetan ta’uu waadaa galaniiru.

Lammiileen Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaa deebi’an labsii dhiifamaa mootummaan Saa’ud Arabiyaa mijeesseetti fayyadamuu akka qaban Ambaasaaddar Leencoon gaafachuu isaanii ragaan Riyaaditti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment