Ambaasaaddar Jamaal Ministira Ministeera Boba’aa Baahireen waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Baahireenitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Jamaal Bakar Ministira Ministeera Boba’aa Baahireen  Sheek Mahaammad waliin mari’ataniiru.

Mariisaaniitiin dhimmoota biyyoota lameenii fi naannawaarratti mari’achuu ibsameera.

Ambaasaaddar Jamaal haala nageenyaa, siyaasaa, diinagdee fi invastimentii Ityoophiyaarratti Ministirichaaf ibsa laataniiru.

Ministira Ministeera Boba’aa Baahireen  Sheek Mahaammad ibsa laatameefiif galateeffataniiru.

Biyyi isaanii Ityoophiyaatti dameewwan albuuda sibiilaa, Koobaaltii fi Aluuminiyeemiirratti hojjechuu akka barbaaddu kaasaniiru.

Marii taasifameen biyyoonni lameen hariiroo biyyoota lameenii fi naannawaarratti waliin hojjechuuf waliigaluu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment