Ambaasaaddar Jamaal Bakar itti gaafatamaa dhaabbata godaantoota idil addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 21, 2013 (FBC) – Bahireenitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Jamaal Bakar Itti gaafatamaa dhaabbata godaantoota idil addunyaa Mahammaad Alzaarkaanii waliin mari’ataniiru.
 
Dhimmoota tumsaa fi qimdoominaan hojjechuun barbaachisurratti mari’ataniiru.
 
Ambaasaaddar Jamaal haala waqtaawaa waliigalaa biyyaalessaarratti ibsa bal’aa laataniiru.
 
Lammiilee Ityoophiyaa biyyoota Baha Giddugaleessatti rakkoolee garaagaraaf saaxilaman deeggaruuf tattaaffii taasiisaniif galateeffataniiru.
 
Ibsa haala waliigalaa Ityoophiyaa ilaalchisee taasiifameefitti daraan gammaduu Mahammaad Alzaarkaaniin ibsaniiru.
 
Tattaaffii Ityoophiyaan lammiilee ishee Baha giddugaleessatti rakkoolee garaagaraaf saaxilaman baraaruuf taasiiftu itti fufiinsaan kan deeggaran ta’uu himaniiru.
 
Dabalataan Mahammaad Alzaarkaaniin Lammiilee Ityoophiyaa Bahireenitti rakkoof saaxilaman kan gargaaran ta’uus ibsaniiru.
 
Qaamoleen lamaan yeroo itti aanu tumsaan waliin hojjechuuf waliigalteerra ga’uu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
 
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment