Ambaasaaddar Jamaal Bakar daayrektara Inistiityuuti dippiloomaasii Baariheen waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2013 (FBC) – Baahireenitti Hoogganaan Waajjira Qonsilaa FDRI Ambaasaaddar Jamaal Bakar daayrektara Inistiityuutii dippiloomaasii Baariheen Dooktar Muniiraa Al Kaliif  waliin mari’ataniiru.

Turti isaaniin dhimmoota biyyoota lamaanii fi naannoorratti mari’ataniru.

Ambaasaaddar Jamaal Ityoophiyaan kabaja nageenya Gaanfaa Afrikaaf, Afrikaaf shooraa ishee bahaa jirtu akkasumas hariiroo naannoo cimsuuf tattaaffii taasiftuu ilaalchisee ibsa taasisaniiru.

Dabalataanis hariiroo biyyoota lamaanii cimsuu keessahuu ce’uumsa beekumsa, leenjii dippiloomaatootaa, qorannoo fi qo’annoorratti dhaabbata leenjii hariiroo fi tajaajila alaa waliin qindoominaan hojjechuuf gaaffii dhiyeessera.

Daayrektarri Inistiityuutii dippiloomaasii Baariheen Dooktar Muuniiraa Al Kaliif  Ityoophiyaan kabaja nageenya Gaanfaa Afrikaaf, Afrikaa fi shooraa ishee bahaa jirtu dinqisiifachuun hariiroo Gaanfaa Afrikaa fi Giddugaleessaa bahaa calmaan cimsuuf hariiroon dippiloomaasii murteessaa ta’uu ibsaniru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment