Ambaasaaddar Injiinar Silashii Baqqalaa Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 13, 2014 (FBC) – Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan Gaanfa Afriikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa Maayik Hamar waliin mari’ataniiru.

Ityoophiyaatti naannawaa garaagaraatti sababa hongee fi walitti bu’iinsaan lammiilee rakkoo keessa jiraniif deeggarsa namoomaa taasifamaa jiru irraatti mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Injiinar Silashiin, lammiilee naannawaa Ityoophiyaa garaagaraatti rakkoolee keessa jiraniif deeggarsi namoomaa hindaangeeffamne akka taasifamuuf mootummaan qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechuu akka itti fufu ibsaniiru.

Mootummaan, walitti bu’iinsaa kutaa biyyattii Kaabaatti mudate ittifufiinsaan furuuf dursummaa Gamtaa Afrikaan marii nageenyaa gaggeessuuf ejjennoo kan qabu ta’uu hubachiisaniiru.

Maayik Hamar gama isaaniin, Ameerikaan Ityoophiyaatti nageenyaa waaraa mirkaneessuuf, milkaa’ina marii nageenyaa eegalameef, deeggarsaa barbaachisaa taasisuuf qophii ta’uu mirkaneessuu isaanii ragaan Ameerikaatti Embaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Mootummaan Ityoophiyaa lammiilee rakkoo keessaa jiran deeggarsaa namoomaa hindaangofne akka qaqqabuuf kutannoo argisiisaa jiru kan dinqisiifatan Ergamaan Addaa Ameerikaa kun tattaaffii mootummaan Ityoophiyaa taasisuuf Ameerikaan beekamtii kan kennitu ta’uu kaasaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment