Ambaasaaddar Hasan Taajjuun Preezdaantii Seeneegaal waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2013 (FBC) – Seeneegaalitti Ambaasaaddari Ityoophiyaa Ambaasaaddar Hasan Taajjuun Preezdaantii Seeneegaal Maakiiy Saal waliin mari’atan.
Haala hariiroo biyyoota lameenii cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Hasan Taajjuun jijjiirrama hedduu Ityoophiyaan gaggeessaa jirtu Preezdaantichaaf ibsa taasiisaniiru.
Ejjennoo mootummaan Ityoophiyaa dhimma Daangaa Ityoo –Sudaanii fi Hidha Haaromsaarratti qabdu ibsaniiru.
Akkasumas Filannnoon biyyaalessaa marsaa 6ffaan bilisa, Deemookraatawaa fi haqa qabeessa akka ta’uuf mootummaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Preezdaantiin Seeneegaal Maakiiy Saal gama isaaniin ibsa taasiifameefiif galateeffataniiru.
Dhimmi Hidha Haaromsaa fi Waldhabdee daangaa Ityoo – Sudaan karaa nagaan furamuu akka danda’u abdii qaban ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment