Finfinnee, Caamsaa 17, 2013 (FBC)- Akiraatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Hadaraa Abarraan gita isaanii Ruwaandaa Dooktar Eesaa Kiirboo fi raawwachiisa dhimma Laayibeeriyaa Alii E Maasaawiik waliin mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Hadaraa Abarraan haala waqtaawaa Ityoophiyaarratti ibsa taasisaniiru.
Kanaafis haala Naannoo Tigraa, filannoo marsaa 6ffaa gaggeeffamuuf haqaa qabeessaa akka ta’uuf qophii taasifamee, waldhabee daangaa Ityoo-Sudaan mariin akka hiikamuuf tattaaffii taasifamee, mareen sadeenii Hidha Haaromsaa Guddicha marsiisummaa Gamtaa Afrikaatin gaggeeffamuu keessaatti Ityoophiyaan hundi fayyadamaa ta’uuf ejjennoosheen qabdu ibsaniiru.
Ambaasaaddaroonni kunneen dhimmoota eerramaan irratti hubaannoo barbaachiisaa kan qabatanii ta’uu fi waloon hojjeechuufi deeggarsa taasisuuf qophii ta’uusaanii ragaan Waajjira Dubbi Himaa Ministeera Dhimma Alaarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.