Ambaasaaddar Birhaanuu Tsagaayeen Ministira Ministeera Dhimma biyya keessaa Jibuutii Sayid Hasan waliin mari’atan

Finfinnee, Eebla 26, 2015 (FBC) – Jibuutiitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Birhaanuu Tsagaayeen Ministira Ministeera Dhimma biyya keessaa Jibuutii Sayid Hasan waliin dhimmoota lammiilee Ityoophiyaa Jibuutti jiraatanii fi godaansaa deebitootarratti mari’ataniiru.

Dhimmoota dippiloomaasii lammiilee irratti xiyeeffachuun mari’achuun isaanii Ambaasaaddar Birihaanuun ibsaniiru.

Mirga namoomaa fi kabaja lammiilee Ityoophiyaa Jibuuttiti argamanii eegsisuuf mootummaan isaanii murannoon kan hojjetu ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma biyya keessaa Jibuutii Sayid Hasan himaniiru.

Dabalaatis akkaataa qabiinsa lammiilee irratti tumsaa cimsuuf waliigaluu isaanii ibsameera.

Ambaassaaddar Birhaanuu Tsagaayeen Hogganaa Dhaabbata Godaantoota Idil Addunyaa Jibbuutii Taaniyaa Paassifako waliinis mari’achuu ibsaniiru.

Haala lammiilee Ityoophiyaa Jibuutii jiran fedhiin gara biyyaatti deebisuun danda’amurratti mari’achuu eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment