Ambaasaaddar Baacaa Dabaleen duula biqiltuu dhaabuu Keeniyaarratti hirmaatan

Finfinnee, Sadaasa 3, 2016 (FBC)- Keeniyaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Baacaa Dabaleen Pireezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo waliin ta’uun Duula Biqiltuu Dhaabuu Biyyalessaa Keeniyaarratti hirmaataniiru.

Duulli biqiltuu dhaabuu Keeniyaa biyyattii naannawaa Ukambanii Makuwinitti har’a gaggeeffameera.

Duulli kunis guyyaa addaa biyyaalessaa ta’uun Kaabinee biyyattii fi Ministeera Dhimma Biyya Keessaan labsamuu hordofee kan gaggeeffame ta’uun ibsameera.

Sagantichis mancaatii lafaa fi qabeenyaa uumamaa deebisanii dandamachiisuuf kan kaayyeeffate ta’uun eerameera.

Haaluma kanaan Keeniyaan waggoottan kurnaan dhufan (2023-2032)’tti biqiltuuwwa biiliyoona 15 dhaabuuf karoorfatteetti.

Bara Faranjootaa 2022 Embaasiin Itiyoophiyaa Keeniyaatti argamu qaama sagantaa Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa kan ta’e biqiltuuwwan kuma sadii dhaabuun kan yaadatamu ta’uu ragaan Keeniyaatti Embaasii Itiyoophiyaarra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment