Finfinnee, Fulbaana 13, 2014 (FBC)-Yuugaandaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Alamtsaay Masarat Ministira Ministeera Bishaanii fi Naannoo Yuugandaa Saam Chiiptooriis waliin mari’ataniiru jedhame.
Hidhi haaromsaa guddichaa sagantaa karoorfameen hojjetamaa jiraaachuu, hojii magariisummaa Ityoophiyaa gara biyyoota ollaatti babal’isuuf irratti karoorfatamee hojjetamaa jiraachuurratti marii’ataniiru.
Haala yeroo Ityoophiyaa hordofee Waxabajjii darbe filannoon biyyoolessaa gaggeeffamuu fi mootummaa haaraan kan hundaa’u ta’uu kaasuun isaanii ibsameera.
Kana malees gareen shororkeessaa ABUT waamicha waraana gamtokkeen dhaabuu fudhachuu diduun ijoollee gara waraanaatti bobbaasaa akka jiru, lammiilee nagaa naannoolee Amaaraa fi Affaariin miidhaa akka jiruu fi bu’uuraalee misoomaa barbadeessaa kan jiru ta’uu Ambaasaaddar Alamtsaay ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna..