Ambaasaaddar Alamaayyoo Taganuu abbootiin qabeenyaa Raashiyaa haala itti Ityoophiyaatti hojjechuu danda’anirratti mari’atan

Finfinnee, Eebla 14, 2013 (FBC)- Raashiyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Alamaayyoo Taganuu abbootiin qabeenyaa Raashiyaa waliin haala itti Ityoophiyaatti hojjechuu danda’anirratti mari’ataniiru.
Marichi Seenti Piitarisbargitti fooramiin idil addunyaa qindeessummaa mana maree federeeshinii fi waldaalee daldalaa naannichaan kan qophaa’eerrattidha.
Qaamolee daldalaa magaaloota Raashiyaa 30 irraa walitti kan baba’an dabalatee dhaabbileen mootummaa fi miti mootummaa, hawaasa diippilomaasii akkasumaas abbootiin amantaa hirmaataniiru.
Ambaasaaddar Alamaayyoo Taganuu haala mijata daldalaa fi invastimantii damee albuudaa, inaarjii, informaashin kominikeeshin teeknooloojii akkasumaas damee daldalaan bunaa fi mi’eesituufaa irratti ibsa laataniiru.
Akka ragaan waajjira dubbi himaa ministeera dhimma alaa irraa arganne mul’isutti, miseensoota garee jila daldalaa Ityoophiyaa daawwatan galateeffataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment