Ambaasaaddar Abdulafattaan gargaaraa Ministira alaa dhimmoota Afrikaa Kuweet waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 3, 2013 (FBC) –Kuweetiitti ergamaan addaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Abdulafattaan Abdullaahiin gargaaraa Ministira alaa dhimmoota Afrikaa Kuweet Abduulhamiid Al Fayilaakaawii waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.
 
Dhimmoota hariiroo waloo cimsaanii fi waqtaawaarratti mari’ataniiru.
 
Haala tumsa biyyoota lamaanii cimsuun danda’amurratti marii taasiisaniiru.
 
Waliigaltee qajeelcha hojjettootaa sadarkaa wixineerra jiruu haala saffisaan xumursiisuun danda’amurratti waliin mari’ataniiru.
 
Dabalataan Ambaasaaddar Abdulafattaan duula olaantummaa seeraa naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa ture ilaalchisee ibsa laataniiru.
 
Gargaaraan Ministira alaa dhimmoota Afrikaa Kuweet Abduulhamiid Al Fayilaakaawii gama isaaniin, tarkaanffiin olaantummaa seeraa mirkaneessuu fudhatame dirqama mootummaa biyya bulchu tokkorraa eeggamu ta’uu ibsaniiru.
 
Duulichi milkiin xumuramuu isaatti gammaduu ibsuu isaanii ragaan Kuweetiitti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
 
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
 
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
 
Comments (0)
Add Comment