Amb.Tafarraa Darriboon Dura Taa’aa Garee Inarjii Albuudaa Chaayinaa waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2015 (FBC)- Ambaasaaddar Tafarraa Darriboon Dura Taa’aa Garee Inarjii Albuudaa Chaayinaa Zhing Zhi Peengi waliin Ityoophiyaatti karaalee hojiilee invastimantiirratti bobba’an irratti mari’ataniiru.

Maricharratti Ambaasaddar Tafarraan dandeettii damee indaastiriin jirurratti ibsa kennaniiru.

Waggootaan darbanis fooyyessaa diinagdee dorgomtummaa fi barbaadamummaa invastimantii alaa bu’a qabeessaa taasisan hojiirraa oolchuu eeraniiru.

Dabalataanis damee albuudaarratti akka bobba’an gaafataniiru.

Duraa Taa’aan Dhaabbatichaa Zhing Zhi Pengi gama isaaniin, dhaabbanni isaanii dhaabbata invastimantii albuudaa fi inarjiirratti bobba’ee jiru ta’uu ibsaniiru.

Dhaabbatichis, invastimantii damee albuudaarratti bobba’uuf fedhii qabaachuu eeruun, hojii jalqabuufis gurmaa’iinsa barbaachisaa guuttachaa jiraachuu ibsuu ragaan Chaayinaatti Embaasii Ityoophiyaarraa argme ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment