Finfinnee, Bitootessa 5, 2016 (FBC)- Ministirri Minister Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen Sudaanitti Ergama Addaa Ameerikaa Toom Peerilo Gaarbee waliin mari’ataniiru.
Mariin isaanis dhimmoota naannawaa, haala yeroo Sudaaniirratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.
Ambaasaaddar Taayyeen maricharratti Itiyoophiyaan Sudaanitti nageenyi akka mirkanaa’uuf tattaaffii taasisaa turte cimsitee kan itti fuftu ta’uu dubbataniiru.
Humnoonni Sudaan lameen rakkoolee isaanii karaa nagaan mariin akka furatan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad yaaliin taasisuu yaadachiisaniiru.
Toom Peerilo Gaarbee gama isaaniin Sudaanitti nageenyi akka mirkanaa’uuf tattaffii mootummaan Itiyophiyaa taasise dinqisiifachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.