Amb. Reedwaan ergaa Addaa Ministira Muummee irraa Pireezidaantii Keeniyaaf ergame ittiin ga’an

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2016 (FBC)- Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Ministira Muummee fi Ergamaan Addaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ergaa addaa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad irraa Pireezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoof ergame ittiin ga’aniiru.

Ergaicha gama Keeniyaan kan fuudhan Ministira Dursaa Dhimma Alaa Musaaliyaa Mudaavaadii ta’uun eerameera.

Gareen jilaa Ambaasaaddar Reedwaaniin durfamu qondaaltota olaanoo Keeniyaa waliin dhimmoota waloo biyyoonni lameen waliin qooddatanii fi naannawichaarratti mari’ataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment