Amb. Dhaabaa Dabaleen Jaappaanitti Ambaasaaddara Ruwaanda waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 14, 2015 (FBC)- Jaappaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dhaabaa Dabaleen Jaappaanitti Ambaasaaddara Ruwaanda Ernaasti Ruwamusiiyu waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddaroonni lameen turtii Jaappanitti taasisaniin, Ambasaaddaroota biyyoota Afrikaa biroo waliin qindoominaan hojjechuuf waliigaluu ragaan Jaappaanitti Embaasii Ityoophiyaarraa argame ni muli’sa.

Ambaasaaddar Dhaabaa Dabaleen Masaraa Mootummaa Mootii Jaappaanitti argamuun Mootii Jaappaaniif xalayaa mudaama isaanii dhiyeessuun ni yadaatama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment