Amb. Dammaqaan Gargaartuu Barreessaa Bulchiinsa Walta’iinsa Misoomaa Ministeera Dhimma Alaa Hindi waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 8, 2015 (FBC)- Hinditti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dammaqaa Axinaafuun Gargaartuu Barreessituu Bulchiinsa Walta’iinsa Misoomaa Ministeera Dhimma Alaa biyyattii Abiilaashaa Jooshii waliin mari’ataniiru.

Mariin isaaniis sagantaa walta’iinsa diinagdee fi teekinikaalaa Hindii, Ityoophiyatti cimsuu haalota dandeessisanirratti kan xiyyeeffatedha.

Marii kanarratti Abiilaashaa Jooshii akka jedhanitti sagantaa walta’iinsaa diinagdee fi teekinikaalaa Hindiin ogeeyyiin Ityoophiyaatti leenjii kennan waggaa waggaan dabalaa dhufeera.

Ambaasaaddar Dammaqaan gama isaaniin, mootummaan hindii waggaa waggaan ogeeyyii lammiilee Ityoophiyaa 400 caalaaniif sagantaa leenjii qopheessuu danda’uuf galateeffataniiru.

Ityoophiyaan Hindii waliin damee ijaarsa dandeettiin walta’iinsaan hojjechuuf kutannoo qabaachuu ibsuu ragaan Hindiitti Embaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Sagantaan Walta’iins Diinagdee fi Teekinikaalaa Hindii, Ityoophiyatti bulchiinsa misooma inatrpirinarshiippii, qabeenya bishaanii, inarjii, Teeknooloojii Quunnamtiif Odeeffannoo dabalatee dameewwan garaagaraan leenjii hubannoo cimsuu kennaa jiraachuun eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment