Finfinnee, Eebila 19, 2014 (FBC) – Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa amantaan nageenya malee sababa kamiiniyyuu madda walitti bu’iinsa ta’uu hin qabu jechuun ibsaniiru.
Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa guyyaa kaleessaa naannoo Amaaraa magaalaa Goondaritti rakkoo muudate ilaalchisuun ibsa laataniiru.
Ibsichaanis ajjeecha, masjiidi gubachuun akkasumas qabeenya namoota dhuunfaa musiliimaa barbadaa’uu fi hanni raawwatame karaa amantaatiin gochaa badii ta’uu eerameera.
Ibsichaanis amantaan bakka nageenyi itti bu’uu malee sababa kamiiniyyuu madda walitti bu’iinsa ta’uu hin qabu jedhniiru.
Amantaan bu’uuraa nageenya, waloo fi jalaalaati jedhameera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.