Amantaa dayeeffachuun dantaa siyaasaa galmaan gahachuuf socho’uun fudhatama hin qabu-BMNO

Finfinnee, Guraandhala 3, 2015 (FBC)- Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa haala yeroo ilaalchisee ibsa laateera.

Amantaa dayeeffachuun dantaa siyaasaa galmaan gahachuuf socho’uun fudhatama kan hin qabne ta’uu ibseera.

Guutuun ibsichaa akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Mootummaan naannoo Oromiyaa labsiiwwan mirga, aadaa, safuufi amantaa ummataa hacuucan diiguun sirna gama hundaan ummataaf mijaatu, kan jaalala labsee jibba balfu, tokkummaa cimsee diigumsa hambisu sirna jabaa uummataan uummataaf ijaaraa jira.

Sirni jabaan uummataaf tolu ijaaramuun mirga namoomaafi diimokiraasii jabeessee uummanni mirgaafi dirqama isaa hubatee jaalalaafi tokkummaan garaa garummaa isaa waliif kabajuun wal danda’ee akka jiraatuuf utubaa cimaadha.

Wayita kana humnoonni olaantummaa baranii wal qixxummaa balfan, kootii malee keenyaa hin beekne ijaarsa sirnaa jabaafi utubaa dimokiraasii lafa dhaabuuf hojii hojjetamaa jiru danquuf ajandaa biyyaaf hin tolle facaasuu hojii isaanii taasifachaa jiraachuun irra gahameera.

Qaamoleen biyya olaantummaan seeraa keessatti kabajameefi sabdaneessummaan keessatti mirkanaa’e arguu hin barbaadne yeroo hunda qormaataawwaniif balbala banu.

Fedhiin isaanii imala jijjiiramaa eegalle dhiisuun gadi buunee isaan waliin dirree jeequmsaa keessa akka turru barbaadu. Kanaafis gama tokkoon amantaa gama biraan ammoo sabummaa da’oo taasifachuudhaan fedhii siyaasaafi dantaa dhuunfaa isaanii guuttachuuf halkaniifi guyyaa hojjechaa jiru.

Haa ta’u malee, ajandaa daldaaltonni siyaasaa gaaddidduu kaleessaa golgaa godhatanii har’a hojjechuu barbaadan gonkumaa milkaa’uu akka hin dandeenye lammiileen Ityoophiyaa imala jijjiiramaa tokkummaa sabdaneessummaan utubame deeggaruun mirkaneessanii jiru.

Waggoottan jijjiiramaa darban keessatti qajeeltowwan bu’uura duudhaa waliin jireenyaa giddu galeessa godhachuudhaan dhaabbileen amantaa wal danda’uun tokkummaa isaanii jabeessanii, tokkummaa biyyatiif utubaa akka ta’aniif mootummaan deeggarsa barbaachisaa godhaa turee jira.

Kanaanis wal dhabdeen manneen Amantaa keessatti mudachaa ture maree amantootaafi geggeessitoota mana amantichaan akka furamuuf haala mijaawaa uumameen milkaa’inoonni gurguddoon argamanii jiru.

Haata’u malee humnoonni nageenyi biyyaa mataa bowwuu itti tahe tokko tokko amantaa dawoo godhachuun tokkummaa diigumsatti, jaalala jibbatti, gammachuu gaddatti jijjiiruun biyyaafi sirna balaarra buusuuf wayita socho’an ni mul’atu.

Kaayyoon isaaniis biyya sabdaneettii lammilee hundaaf taatuufi hundas fakkaattu ijaaraa jirru danquun biyya aadaafi duudhaa, Afaaniifi amantaan tokko olaantummaa keessatti argatu dhaabuuf tahus kun qabsoo sabaafi sab lammootaafi ummattoota Ityoophiyaatiin al tokkoofi isa dhumaaf awwaalameera.

Hiriirri rakkoo mana Amantaa Ortodoksii Waloomaa(Tewaahidoo) Ityoophiyaa keessatti uumame golga godhachuun waamamaa jiru nagaa biyyaa irratti kan kiyyeeffame waan ta’eef fudhatama hin qabu.

Uummanni keenyas rakkoon mana Amantichaa keessatti uumamee jiru dhimma Amantaa biraa darbee ajandaa siyaasaa finxaalessitoota dheebuu aangoo qabanii akka ta’e hubachuun waamicha kana irraa akka of qusatu hubachiisna.

Dabalataanis finxaalessitoonni kunneen qophii yaa’ii Gamtaa Afrikaa biyya keenyaaf bu’aa guddaa qabu yeroo gaggeeffamuuf jedhutti aggaammii jeequmsaa taasisuun maqaa gaarii biyyi keenya qabdu gurraachessuuf yaalii taasifamaa jiru ta’uu hubachuu qaba.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa heera biyyaa bu’uura godhachuun sochii seeraan alaa ittisuufi too’achuuf dirqamaafi itti gaafatamummaa itti kenname ba’achuuf yeroo kamiyyuu caalaa ni hojjeta.

Qaamoleen nageenyaa naannoo keenyaa hundi murtee mana maree nageenyaa irraa darbe hojii irra oolchuuf dirqama keessan sirnaan akka baatan ibsaa; ummanni keenyas tarkaanfii mootummaan sirnaafi heera biyyattii tiksuudhaaf fudhatu akka tumsitan waamicha dhiyeessa.

Guraandhala 3/2015

Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Finfinnee

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment