Amantaa dawoo taasiisuun qaamolee walitti bu’iinsa uumuuf socho’an kamiyyuu cimsinee balaaleeffanna – Mootummaan Naannoo Sidaamaa

Finfinnee, Eebila 24, 2014 (FBC) – Amantaa dawoo taasiisuun qaamolee walitti bu’iinsa uumuuf socho’an kamiyyuu cimsee kan balaaleeffatu ta’uu Bulchiinsi Mootummaan Naannoo Sidaamaa beeksiise.

Mootummaan naannichaa dhimma haala yeroo ilaalchisuun ibsa kenneera.

Diinonni keessaa fi alaa walitti bu’iinsa amantaa uumuun, Ityoophiyaa dachee dhiigaa gochuu fi biyyattii diiguuf halkanii guyyaa socha’aa jiraachuu ibseera.

Ityoophiyaan biyya amantaalee hedduu walqixxummaan keessummeessitu,hordoftoonni amantaalee garaagaraa jaalalaa, waldanda’uu fi tokkummaan keessa jiraatan ta’uu ibsichi eereera.

Duudhaa waloo fakkeenyummaa gaarii qabu ijaaruun barootaf waliin jiraachaa turuu ibseera.

Yaa ta’uutii diinoota keessaa fi alaa amantaa dawoo godhachuun shira xaxaa jiru kan balaaleeffatu ta’uu himeera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment