Finfinnee, Onkololeessa 11, 2014 (FBC)- Muummeen Ministira FDRI Abiy Ahimad amanamummaadhaan cimanii hojjechuun dhalootaaf yaaduu fi biyya olqabuuf ka’uu agarsiisa jedhaniiru.
MM Abiy Ahimad fuula Feesbuukii isaaniin akka ibsanitti kanfaltoota gibiraa har’a beekamtii argachuuf geessan Ityoophiyaan isin galateeffatti jedhan.
Bara darbe waltajjiidhuma akkanaarratti kanfaltoonni gibiraa amanamoon wayita hojii keessan hojjetan hattummaarratti akka qabsooftan waamicha dhiyeesseen ture jedhan.
Kutattoota waamichichaaf deebii kennaniif beekamtii addaa kennineerra. Waggoota dhufanittis biyyaa fi dhaloota kabajjaniifi dursa kennitaniifi fakkeenyummaa keessan warra kaaniin akka geessan adaraan isiniin jedha jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.