Finfinnee, Bitootessa 5, 2016 (FBC)- Magaalaa haqni hawaasummaa keessatti mirkanaa’e ijaaruuf waadaa galame raawwachaa, ummata amanamummaa fi murannoon tajaajiluu itti fufna jedhan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Aadde Adaanech Abeeben.
Finfinneetti Pirojektiin Giddugala Haaromsaa fi Gabbisa Ogummaa dubartootaa Birrii biiliyoona 3.1’n ijaarame eebbifameera.
Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti giddugalichi lafa karee meetira kuma 100 irratti kan ijaarameedha.
Giddugalichi dubartoota rakkoolee garaagaraaf saaxilaman simachuun deeggarsaa fi hordoffii ogummaa fi xiinsamuu, akkasumas leenjii kennuun hojiitti akka bobba’an kan taasisuudha jedhaniiru.
Haaluma kanaan marsaa tokkotti dubartootaa kuma 10 simachuun leenjisuu kan danda’uu ta’uu himan.
Giddigalichattis ogummaa miidhaginaa, qonna magaalaa, qophii nyaataa, miidhagina magaalaa, ogummaa kompiwuutaraa, kunuunsa daa’immanii, keessummeessummaa, ogummaa suphee dhahuu, ogummaa uffannaa hodhuu akkasumas dameewwan ogummaa biroorratti leenjii kan kennu ta’uu dubbataniiru.
Giddugalichi, kutaalee ciisichaa, mana kitaabaa, dirree fi kutaalee shaakala ispooortii, galma nyaataa, giddugala gochaan argisiisuu, giddugala tajaajila fayyaa, bakka tursiisaa fi eegumsa daa’immanii, eegumsa qulqullinaa kan qabu ta’uu ibsaniiru.
Magaalaa haqni hawaasummaa keessatti mirkanaa’e ijaaruuf waadaa galame raawwachaa, ummata amanamummaa fi murannoon tajaajiluu itti fufnas jedhaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.