Amaaraa Miidiyaa Koorporeeshin chaanaalii afaanota 10’n tamsaasu hojii eegalchiise

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2014 (FBC) – Dhaabbanni miidiyaa Amaaraa Miidiyaa Koorporeeshin, chaanaalii “Hibir AMC” jedhuun chaanalii televiizhinii afaanota 10’n tamsaasuu hojii eegalchiiseera.

Dhaabbatichi sagantaa kabaja hundeeffama waggaa 25ffaa Raadiyoo Amaaraa ilaalchisuun chaanaalii kana hojii eegalchiiseera.

Chaanaalii kanaan Afaan Oromoo, Tigiree, Afaar, Himxaanaa, Gumuz, Awwii, Ingiliffaa fi Arabiffaan tamsaasa televiizhinii eegalu eerameera.

Sagantaa kanarratti Preezdaantii Naannichaa Dooktara Yiliqaal Kaffaalaa, Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggaasaa Tulluu, abbootii amantaa fi keessummooni biroon argamaniiru.

Yismaawu Adaraawutu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment