“Alseerummaa daldalaa to’achuun gabaa tasgabbeessuuf hunduu tumsuu qaba”- Biiroo Daldala Oromiyaa

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2013 (FBC) – Biiroon Daldala Oromiyaa rakkoo qaala’iinsaa gabaa fi daballii gatii sababa dinagdaawaa hin taaneen mul’achaa jiru irratti Adaamaatti mari’atee jira.
Kaayyoon marichaa fedhii fi dhiyeessii oomishaalee qonnaafi industirii walsimsiisuun seerota daldalaa hojiirra oolchuufi alseerummaa daldalaa to’achuun gabaa tasgabbeessuuf ta’uu ibsameera.
Itti Aantuu Preezdaantii fi Qindeessituu Kilaastara Magaalaa Naannoo Oromiyaa aadde Caaltuu Saanii maricharratti yaada kennaniin fedhii fi dhiyeessiin walsimee rakkoon qaala’iinsa gabaa akka tasgabbaa’uuf gama mootummaatiin tattaaffiin cimaa taasifamaa jiraachuu ibsuun,
Oomishaalee qonnaafi industirii irratti walitti hidhamiinsi gabaa akka uumamuufi sochii daldala seeraan alaa to’achuuf hojiin itti fufiinsa qabu hojjetamuu akka qabu himaniiru.
Hoogganaan Biiroo Daldala Oromiyaa obbo Dheengee Boruu gama isaaniitin oomishaalee karaa seeraan alaa socho’an to’achuun rakkoolee daldala seeraan alaatiin wal qabatanii uumaman hir’isuun gabaa tasgabbeessuufi daldaltoota faayidaa hin malle argachuuf miidhaa hawaasa irraan gahan adda baasuun tarkaanfii fudhachuuf kan itti deemamaa jiru ta’uu dubbataniiru.
Hojii to’annoo taasifameen ji’oottan darbanitti dhaabbilee kuma 600 ol irratti to’annaa gaggeeffameen dhaabbata kuma 64 ol irratti tarkaanfiin seeraafi bulchiinsa gaarii kan fudhatame ta’uu ibsaniiru.
Oomishaalee qonnaa fi industirii adda addaa seeraan ala socho’aa turan to’annoo jala oolfamaniin qarshiin miliyoona 20 ol mootummaaf galii ta’uus obbo Dheengeen ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment