Oromiyaatti lafti misooma abaaboof fudhatame hin misoomne

Finfinnee, Muddee 17, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaa bakkee tokko tokkotti lafti misooma abaaboo babal’aaf fudhatame hin misoomne.

Faanaa Broodkaastiing Koorporeet daawwannaa godinoota Shawaa Bahaa fi Shawaa Kibbaa Bahaa taasiseera.

Qonnaan bultoonni godina Shawaa Kibbaa Bahaa lafa isaanii misooma abaaboof jala fudhatame waggoota ja’aaf misooma malee taa’uun isaa rakkinaaf nu saaxileera jedhan.

Qonnaan bultoonni dhaabbanni Hindii tokko lafa heektaara 156 misoomsuuf bara 2003 fudhachuu fi waqtichaatti dhaabbatichi carraa hojii uumuu, manneen barnootaa fi bu’uraalee misoomaa akka ijaaru yoo ibsullee hanga ammaatti waa tokko hin ijaarre jedhan.

Lafa isaanii waliigaltee waggaa 10 qofaaf kennuu kan kaasaan qonnan bultoonni kunneen, waliigalteen isaanii jechaan malee barreeffamaan akka hin jirree himaniiru.

Komishinii Investimeentii Naannoo oromiyaatti gaggeessaan garee hordoffii fi deeggarsa proojaktii obbo Balaay Dhufeeraa gama isaaniin dhaabbanii Hindii kun naannoo qabate kana bara 2006 eegalee kisaaraan irraa ga’uun walqabatee hojii dhaabuu isaa ibsaniiru.

Qonnaan bultoonni lafa isaanii wagga 10f otuu hin taane waggaa 30f waliigaluu isaanii hubachiisaniiru.

Dhaabbatichi hojii gaggeesituuf baankiirraa Birrii Miiliyoona 26 lafa kana qabsiisee kan liqeeffatee yoo ta’u dhimmi isaa adeemsa seeraarra jiraachuu kaasaniiru.

Haaluma walfakkatuun dhaabbata kana waliin hariiroo kan qabuu fi Holotarraa lafa heektaara 108 misoomaa fudhatee otuu hin misoomsiin haferratti tarkaanfiin fudhatameera jedhaniiru jechuun Hayleyesuus Makonniintu gabaase.

 

 

 

Comments (0)
Add Comment