Aljeeriyaatti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Nabiyaat Geetaachaw ambaasaaddara Gamtaa Awurooppaa teessoo isaa Aljeeriyaa godhatan waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 11, 2013 (FBC)- Aljeeriyaatti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Nabiyaat Geetaachaw ambaasaaddara Gamtaa Awurooppaa teessoo isaa Aljeeriyaa godhatan waliin mari’atan.

Aljeeriyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Nabiyaat Geetaachaw Ambaasaaddara Gamtaa Awurooppaa teessoo isaanii Aljeeriyaa godhatan Zhoon Oruwaark waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Nabiyaat hojiiwwan riiformii Ityoophiyaatti raawwataamaa jiran, akkasumas hojiiwwan jijjiiramaa siyaasaa, hawaasumaa fi diinagdee gaggeefamaa jiru ibsaniiru.

Akkasumaas, duula mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf garee ABUT irratti fudhachaa jiru hubachiisaniiru.

Lammiilee sababa kanaan qe’ee fi qabeenyaa isaniirra buqqa’an deebisanii dhaabuuf mootummaan qophii barbaachisu hunda taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

Comments (0)
Add Comment