Aljeeriyaan daldala Boba’aa gara Moorookootti ergitu dhaabde

Finfinnee, Onkololeessa 22,2014 (FBC) – Aljeeriyaan daldala Boba’aa Ujummoon gara Moorookootti ergitu dhaabuu beeksiifte.
Sababa Waldhabdee biyyoota lamaan gidduutti uumameen Aljeeriyaan dhiyeessa boba’aa Moorookoof taasiiftu dhaabuu beeksiifteerti.
Hariiroo daldalaa dhaabbata dhiyeessa Elektirikaa Moorookoo Soonaatiraach jedhamu waliin qaban adda kutuu Preezdaantiin Aljeeriyaa ibsaniiru.
Sararri Ujummoo daddabarsa Boba’a Uumamaa Aljeeriyaa Magirabii hanga Awurooppatti diriire karaa Moorookoon Ispeen kan ga’u ta’uu ibsameera.
Dhaabbinni dhiyeessa Boba’aa Aljeeriyaa Soonaatiraachi sarara Meedigaaz jedhamuun qofa boba’aa Ispeeniif akka dhiyeessu murtaa’uu Aljeeriyaan ibsiteerti.
Hariiroon dippiloomaasii biyyoota lamaanii adda cituun Balalliin Moorookoon naannoo Qilleensaa Aljeeriyaa keessa taasiiftu dhorkamuu himameera.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment