Alii Birraa aduu keenya ta’uun hunda keenya hoo’iseera-Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2015(FBC)– Alii birraa nama Baharraa argame aduu keenya ta’uun, hunda keenya hoo’iseera jedhan Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Addee Adaaneech Abeebe.

Sirna gaggeessaa Artistichaarratti Aadde Adaanecha haasawaa taasisaniin, har’a nama gudda dhabneerra jedhan.

Aadde Adaanech Alii Birraan akka salphaatti harkaakan hinkennine ture; har’aa garuu du’aan moo’ameera ibsan.

Jireenyaa Aliirraa kan barannu Aliin waan sirbee hundaa jiraatee bu’aa isaas ijaan nama arge ta’uu himanii, nutis waan haasofnu yoo jiraannee, biyyi keenya jijjiiramuu dandeessi jedhaniiru.

Namoota akka Alii horachuurratti xiyyeefachuun hojjechuu nu gaafatas jedhan.

Dabalataan, Aliin nama jalaalaa akka ta’ee fi ilmaan addaa addaa faffaca’aan walitti nama qabee tokkummaan akka qabaatan taasiseedha jechuun ibsaniiru.

Alii Birraa nama Baharraa argame aduu keenyaa ta’uun, hunda keenya hoo’iseera kan jedhan Aadde Adaanecha, isarraa waan baay’ee buufanneerra; addunyarrattillee akka beekamnu ta’eera jedhaniiru.

Wayita lubbuun jirru hojiilee jiraattoo yoo hojjennee ni boqotu malee hindu’an jedhanii, Alii Birraanis har’a ni boqote malee hinduune jechuun dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment