Ali Baabbaa Gruup weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf deeggarsa marsaa 3ffaa erguufi

Finfinnee, Eebila 12, 2012 (FBC) – Ali Baabbaa Gruup deeggarsa meeshaalee weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf gargaaran marsaa 3ffaadhan Afrikaadhaf erguufi.
 
Deeggarischi karaa Gamtaa Afrikaa fi Wiirtuu Ittisaa fi To’annoo Dhibee Afrikaatin biyyoota Afrikaaf kan laatamudha.
 
Tumsi taasifamus haguuggii afaanii fi funyaanii miiliyoona 4.6, meeshaalee yaalaa fi qorannaa kuma dhibba 5, veentileetaroota sochii hargansuu gargaaran 300, haguuggii mataadhaa amma fuulaatti ogeeyyii fayyaatin kaawwatamu kuma dhibba 2, safartuu ho’inaa kuma 2, meeshaa ho’ina qaamaa 100, haguuggii harkaa cimdii kuma dhibba 5.
 
Hundeessaa fi hogganaan Ali Baabbaa Gruup; Jaak Maa akka beeksisanitti deeggarsichi weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf sochii taasifamu tumsuuf kan ooludha.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment