Albuudni qabeenya uumamni dachee keenya badhaasedha – Preezdaant Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 16, 2014 (FBC) -Albuudni qabeenya uumamni dachee keenya badhaasedha jedhan Preezdaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.
“Qabeenya Albuudaa keenya badhaadhina keenyaaf” mata duree jedhuun Egzibiishiinii fi Fooramiin Albuudaa Magaalaa Adaamaatti geggeeffamaa jira.
Agarsiifni Egzibiishiiniifi Fooramii Albuuda Oromiyaa bakka Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Ministirri Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaa fi hoggantoonni olaanaa sadarkaa naannoo, Godinaalee, bulchiinsa Magaalotaa fi Aanaalee Oromiyaa argamanitti magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.
Sadarkaa itti aanaa preezdaantiitti qindeessaan kilaastera baadiyyaa naannoo Oromiyaa obbo Abduramaan Abdallaa, biyyi keenya qabeenya Albuudaatiin badhaatuu taatus irraa fayydamaa hin turre, albuuda qabaachuun qofti faayidaa hin qabu, Albuudni oomishaalee biyyi keenya alatti ergitu keessaa bunatti aanee sadarkaa 2ffaa irratti argama jedhan.
Faayidaa albuuda irraa argamuu malu argachuuf xiyyeeffannoo kennamee hojjetameen damichaan carraan hojii namoota hedduuf uumamuu, al ergiin dabaluu, galii biyyaa guddisuun hojiin hojjetameera jechan.
Dhiheessaniin albuuda biyyi keenya qabdu qixa sirrii ta’een faayidaa barbaadamuuf oolchuuf hooggansi hunduu xiyyeeffannoo kennee hojjechuu qaba jedhan Hogganaa Abbaa Taayitaa Albuudaa Oromiyaa obbo Tasfaayee Magarsaa.
Naannoon Oromiyaa bakka burqaa diinagdee biyya Ityoophiyaat jedhan Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaan.
Oromiyaan gootaraa Albuudaa waan taateef hoggansi sadarkaan jiru hojichaaf xiyyeeffannoo kennuun irratti hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.
Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa gaba isaaniin albuudni qabeenya uumaamni dachee keenya badhaasedha, kanaaf kennaa uumamaa kanaa sirnaan fayyadamuun rakkoo hoji dhabdummaa fi diinagdee keenya furachuu utuu qabnuu hoggansi xiyyeeffannaa itti kennuu dhabuun faayidaan argamuu malu dhabneerra jedhan.
Gootaraa Albuudaa qabnu saaquun al ergii keenya dabalaa diinagdee biyyaas guddisuu qabna jedhan.
saganticharratti caasaalee mootummaa, namoota dhuunfaa, dhaabbilee fi Godinaalee hojichaaf xiyyeeffannoo kennuun hojjechaa turaniif beekamtiin laatamuu ragaan BDhKMNO irraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment