Albuudonniifi beelladoonni seeraan ala daddabarfamaa turan to’atamuu ibsame

Finfinnee, Mudde 3, 2015(FBC)- Albuudonni garaagaraa kiiloogiraamni 8 fi beelladoonni seeraan ala daddabarfamaa turan to’atamuu ibsame.

Albuudonni gosa garaagaraa Kiiloogiraamni 8 karaa seeraan alaa osoo daddabarfamanii  Waajjira Gumruukaa damee Samaraatti to’atamuu eerameera.

Bifuma walfakkaatuun beelladoonni Birrii miiliyoona 2’tti tilmaamaman karaa seeraan alaa gara Soomaaliilaanditti dabarfamuuf osoo jedhanii Waajjira Gumruukaa damee Jigjigaatti to’atamuu ibsameera.

Dhiibbaa kontiroobaandiifi daldalli seeraan alaa diinagdee biyyaarratti qaqqabsiisu to’achuuf qaamoleen dhimmi ilaallatuufi hawaasni gahee isaa akka ba’atu Komishiniin Gumruukaa waamicha dhiyeesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment