Albeemiin galiin isaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf oolu eebbifame

Finfinnee, Eebila 24, 2012 (FBC) – Albeemiin Muuziqaa ‘Nigaat’ jedhamu deeggarsa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf qophaa’e eebbifame.
 
Albeemiin kun Waldaalee damee Muuziqaa Ityoophiyaan bulchiinsa magaalaa Finfinneef arjoomameera.
 
Albeemii kanarratti walliftoonni bebbeekkamoon 15 ol hirmaataniiru jedhame.
 
Galiin gurgurtaa Albeemii kanarraa argamu tattaaffii weerara vaayrasii koroonaan ittisuuf taasifamu cimsuuf kan oolu ta’uu ragaan Waajjira Kaantimaa magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
 
Comments (0)
Add Comment