Alaabaan Itiyoophiyaa mallattoo Haqaa,Tokkummaa, Walqixxummaa, Gootummaa fi Sabdaneessummaatti- Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2017 (FBC)- Alaabaan Itiyoophiyaa mallattoo Haqaa, Tokkummaa, Walqixxummaa, Gootummaa fi Sabdaneessummaatti jedhan Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa fi Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimookiraasii Obbo Adam Faaraah.

Guyyaan Alaabaa 17ffaan mata duree “Alaabaan Keenya Tokkummaa Biyyaalessaaf, Birmadummaa fi Olka’iinsaa Itiyoophiyaaf” jedhuun sadarkaa biyyaalessaatti kabajameera.

Guyyicha Hojjetoonni fi hoggantoonni Waajjira Olaanaa Paartii Badhaadhinaa sagantaalee garaagaraan kabajaniiru.

Saganticharrati Obbo Adam haasawaa taasiisaniin,Alaabaan mallattoo agarsiistuu Birmadummaa biyyaa ta’uu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment